Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni mo’anii darbuu shaampiyoons liigii Awrooppaa marsaa 2ffaan har’aa fi booru ni taphatama

Finfinnee, Bitootessa 1,2012 (FBC) – Taphoonni mo’anii darbuu shaampiyoons liigii Awrooppaa marsaa 2ffaan har’aa fi booru ni taphatama.

Galgala har’aa sa’aatii 5:00 eegalee Tootanhaam dirreen ala Leepziing yoo keessummeessu, Vaaleenshiyaan Atlaantaa waliin falmata jedhame.

Tapha kanaratti vaayrasii koroonaa ittisuuf qaamni kamuu harka akka wal hin fuune Gamtaan Kubbaa Miilaa Awrooppaa akeekkachiisera.

Guyyaa boruu ammoo PSG –Doortimuund waliin ni taphatu jedhame.

Taphni Faransaay Paariisitti gaggeeffamu kun sababa vaayrasii koroonaan Istaadiyeemii cufaatti gaggeeffama jedhame.

Maddi:- Gamtaa Kubbaa Miilaa Awrooppaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.