Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Priimeyar Liigii Ingilaand torbeen jalqabaa galgala kana itti fufuun ni taphamu

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC) – Taphoota Priimeyar Liigii Ingilaand torbee jalqabaan galgala kana Cheelsiin Braayitan, Sheefiild Yuunaayiitiid Woolviis waliin ni falmatu.
 
Taphoonni Priimeyar Liigii Ingilaand bara 202-2021 torbeen jalqabaa galgala har’aa taphoota lama keessummeessuun ni xumurama.
 
Sheefiild Yuunaayiitiid fi Woolviis galgala kana sa’aatii 2:00 irratti waliin falmatu.
 
Jijjiirraa taphattootaa bara kana keessatti sadarkaa duraan kan hirmaate Cheelsiin dirree isaan ala galgala kana sa’aatii 4:15 irratti Braayitan waliin ni filmata.
 
Taphichaan tilmaamni injifannoo Cheelsiif kennameera.
 
Taphni Barnileyii fi Maanchiister Yuunaayiitiid, Maanchiistar Siitii fi Astoon Viillaa gidduutti Sanbata darbe taphatamuuf ture yeroo itti aanuu darbuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Maddi:-Sky Sports
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.