Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Priimiyar Liigii Ityoophiyaa marsaa 2ffaan Gurraandhala 28 eegalu

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa taphoonni Priimiyar Liigii Ityoophiyaa marsaa 2ffaan Gurraandhala 28, 2012 kan eegalu ta’uu beeksiseera.

Federeeshinichi taphoonni marsaa 2ffaa kunneen yeroo eegalan ilaalchisee gareewwan kubbaa miilatiif xaalayaa barreessen beeksiseera.

Marsaa 1ffaatin Qidduus Giyoorgiis taphoota 15; qabxii 28n sadarkaa 1ffaan xumureera.

Magaalaan Faasiil qabxii 26n 2ffaa, Maqalee 70 Indartaan ammoo qabxii 25n 3ffaadhan xumureera.

Gareewwan naannoo Oromiyaa, magaalaan Adaamaa qabxii 19n sadarkaa 9ffaa, Sabbataan qabxii 18n sadarkaa 12ffaa, Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 18n sadarkaa 13ffaa argachuun marsaa kana xumuraniiru.

Hadiyyaa Hoossaa’inaa, Walwaaloo Aaddagiraatii fi Dirree Dawaan walduraa duuban sadarkaa isa dhumaa qabachuun marsaa duraa xumuruu isaanii ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.