Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Beetkiing Priimayer Liigii Ityoophiyaan Dirree Dawaan Hadiyyaa Hoosaa’iinaa injifate

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Taphoota Beetkiing Priimayer Liigii Ityoophiyaa torbee 23ffaa har’a taphatameen Dirree Dawaan Hadiyyaa Hoosaa’iinaa garaagarummaa goolii hedduun injifateera.
Tapha har’a sa’aatiii 4:00 irraa eegalee taphatameen Kilabni Kubbaa Miilaa Magaalaa Dirree Dawaa Kilaba Kubbaa Miilaa Hadiyyaa Hoosaa’iinaa goolii 4 fi 0n injifateera.
Heenook Ayyalaa fi Abduurahimaan Mubaarik goolii lama lama Dirree Dawaaf galchaniiru.
Dirree Dawaan waliigala qabxii 27 walitti qabachuun sodaa gadi bu’uu jalaa ba’uu danda’eera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.