Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa har’a gaggeeffameen Jimmaa Abbaa Jifaar injifatame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC) – Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee16ffaa har’a gaggeeffameen Jimmaa Abbaa Jifaar magaalaa Dirree Dawaan injifatameera.
Tapha har’a sa’aatii 10:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Magaalaa Dirree Dawaatti Jimmaa Abbaa Jifaarii fi Magaalaa Dirree Dawaa giddutti taphatameen Dirreen goolii 1 fi 0n Jimmaa injifateera.
Tapha baniinsaa marsaa 4ffaa guyyaa kaleessa gaggeeffameen Sabbataan Qidduus Giyoorgis waliin qixa yoo ba’u, Bunni Ityoophiyaa magaalaa Hawaasan 1 fi 0n injifatamuun isaa kan yaadatamuudha.
Liigicha Magaalaan Faasil qabxii 38 sadarkaa 1ffaa, Bunni Ityoophiyaa qabxii 30 sadarkaa 2ffaa qabatanii jiru.
Adaamaan qabxii 7 fi Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 10n walduraa duubaan sadarkaa dhumaarratti argamu.
Kilaboonni Oromiyaa lamaan carraan bu’uuf qaban bal’ataa dhufeera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.