Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Priimeyar Liigii Ityoophiyaa har’a gaggeeffameen Qidduus Giyoorgisii fi Faasil morkattoota isaanii injifatan

Finfinnee, Eebila 30, 2013 (FBC) – Taphoota Priimeyar Liigii Ityoophiyaa har’a gaggeeffameen Qidduus Giyoorgis 2 fi 0n Bahaar Daar, Faasil ammoo goolii 1 fi 0n Walqixxee injifataniiru.
Tapha har’a waaree dura Magaalaa Faasilii fi Walqixxee gidduutti gaggeeffameen Faasiil goolii Shimakkit Gugsaan daqiiqaa 45ffaarratti galcheen 1 fi 0n injifateera.
Tapha waaree boodaa sa’aatii 9:00 irraa eegalee Qidduus Giyoorgisii fi Magaalaa Bahaar Daar gidduutti gaggeeffameen ammoo goolii Kana’aan Markinahi fi Abduulkariim Mahaammad daqiiqaa 67ffaa fi 84ffaarratti walduuraa duubaan galchaaniin Giyoorgis 2 fi 0n injifateera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.