Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 21ffaan Sabbataan Bahaar Daar injifate

Finfinnee, Eebila 18, 2013 (FBC) – Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee21ffaa har’a gaggeeffameen gagaalaan Sabbataa Magaalaa Baahir Daar 2 fi 1n injifateera.
Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee21ffaa har’a Istaadiyeemii magaalaa Dirree Dawaatti sa’aatii 10:00 irraa eegalee gaggeeffameen Sabbataan Bahaar Daar injifateera.
Magaalaa Sabbataaf Fitsum Gabramaariyaamii fi Dhufeeraa Shibbisaan goolii tokko tokko yoo lakkoofsiisan magaalaa Bahaar Daariif goolii tokko taphataan Sabbataa Hayilamaariyaam of irratti galcheera.
Priimeyar Liigicha Magaalaan Faasiil qabxii 46 sadarkaa 1ffaa, Bunni Ityoophiyaa qabxii 33 sadarkaa 2ffaarratti argamu.
Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 12 sadarkaa 12ffaa, Adaamaan qabxii 9 sadarkaa gadii keessatti argamu.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.