Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Priimiiyarligii Ingiiland torbee 19ffaa kalessaa taphatameen Leestar Siitiin Cheelsii injifate

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (FBC ) –Taphoota Priimiiyarligii Ingiiland torbee 19ffaa kalessaa taphatameen Leestar Siitiin Cheelsii injifate.
Piriimiiyarligii Ingiiland torbee 19ffaa kalessaa taphoota lama keessummeesseera. Moorkiin Leestar Siitii fi Cheelsii injifanoo Leestar Gooli 2fi0’n goolabameera.
Leestar Siitii qabxii isaa 38 gahachuun dursummaa liigichaa harkatti galfateera. Kaleessuma Westhaam Yuunaayitid goolii 2 fi1n Weestibiroomiich Albiyoon injiifateera.
Westhaam qabxii isaa 32 gahatee garaa sadarkaa 7ffaatti ol dhufeera.
Priimiyarligii Ingiilandii kun har’as itti fufuun taphoonni lama ni taphatamu.
Maanchister Siitii Itiihaditti Astoon Viilaa simata,Maanchister Yuunaayitid ammoo dirreesaan ala Fuulahaam waliin morkata.
Maddi- BBC
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.