Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Waancaa Awurooppaan Yuukreen Meqedooniyaa kaabaa,Beeljiyeem Deenmaark injifatan

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC) – Taphoota Waancaa Awurooppaa Yuukreen Meqedooniyaa Kaabaa, Beeljiyeem ammoo Deenmaark goolii 2 fi 1n injifataniiru.

Tapha biyyoota ramaddii ‘C’ jalatti ramadaman gidduutti har’a waaree booda 10:00 irraa eegalee taphatameen Yuukreen Meqedooniyaa Kaabaa goolii 2 fi 1n moo’atteerti.

Yaarmolenkoon daqiiqaa 29ffaarratti,Yaremchuunk 34ffaarratti goolii tokko tokko Yuukreen gachaniiru.

Aliosk Meqedooniyaa Kaabaaf daqiiqaa 57ffaarratti goolii 1 galcheera.

Biyyoonni lamaanuu tapha jalqabaan goolii sadi sadi keessummeessuun moo’atamuun isaanii kan yaadatamuudha.

Taphni galgala kana sa’aatii 1:00 irraa eegalee Deenmaarkii fi Beeljiyeem gidduutti gaggeeffameen Beeljiyeem duuba ka’uun goolii 2 fi 1n Deenmaark injifatteerti.

Thorgan Hazard daqiiqaa 54ffaarraatti,Kevin de Bruyne daqiiqaa 70ffaarratti Beeljiyeemiif goolii tokko tokko galchaniiru.

Yussuf Poulse daqiiqaa 2ffaarratti Deenmaarkiif goolii moo’atamuu jalaa hin oolchine galcheera.

Beeljiyeem qabxii 6 ramaddii ‘B’ dursuu eegalteerti.

Maddi:-BBC Sport

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.