Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfii qindaa’aa fudhatameen garee Shaneerra kisaaraa qaqqabsiisuun danda’ame – TKM

Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) – Tarkaanfii qindaa’aa fudhatameen garee Shaneerra kisaaraa qaqqabsiisuun danda’amuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa Salamaawiit Kaasaan haala yeroo ilaalchisee ibsa laataniiru.

Duulli garee Shanee dhabamsiisuu gaggeeffamaa turuu kaasaniiru.

Naannawaa daangaa Oromiyaatti qaamoleen nageenyaa federaalaa fi Oromiyaa waloon torbeewwan darbaniif duula Shanee dhabamsiisuu gaggeessaa turuu eeraniiru.

Duula gaggeeffameenis bu’aa olaanaan galmaa’uu himaniiru.

Tarkaanfii qindaa’aa fudhatameen garicharra kisaaraa guddaa qaqqabsiisuun danda’amuu Aadde Salamaawiit kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.