Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfiin dhukaasa dhaabuu labsame Ityoophiyaan sodaa alaa qabduuf akka qophooftu murtoo fudhatame – L/J Baacaa Dabaleen

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Tarkaanfiin dhukaasa dhaabuu naannoo Tigraayiitti labsame Ityoophiyaan sodaa alaa olaanaa yeroo ammaa qabduuf akka qophooftu murtoo fudhatame ta’uu Qindeessaa Olaanaan Hojiilee Ijaarsa Humna Waraanaa Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsan.
Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabalee fi Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen waliigaltee dhukaasaa dhaabuu naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa waloo laataniiru.
Gareen ABUT baatiwwaan darban ummata kakaasuun Raayyaa Ittisaa waliin akka walitti bu’an taasiisaa turuu eeraniiru.
Garicha ummata gara waraanaatti galchuun ala yeroo ammaa sadarkaa sodaa Ityoophiyaa ta’uu danda’urra kan hin jirre ta’uu ibsaniiru.
Yeroo ammaa sodaa guddaan Ityoophiyaa giddugaltummaa biyyoota alaa waan ta’eef of qopheessuun barbaachisaa fi dirqama ta’uu Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabaleen kaasaniiru.
Tarkaanfiin dhukaasa dhaabuu mootummaan naannoo Tigraayitti fudhate murtoo siyaasaa namummaan giddugaleeffate ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dubbataniiru.
Alaazaar Taaddaleetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.