Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfiin waloo fudhatamaa jiru garee shorokeessaa ABUT bahaa fi gala dhorkuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa, humni addaa   fi Milishaan naannoo Amaaraa addaa waraanaa Walloo, Warra Baabboo, Batahuladaree, Kutaabar fi Dalantaatti tarkaanfii waloo fudhataniin garee shorokeessaa ABUT bahaa fi gala dhorkuu ibsameera.

Bakkeewwan kanatti diinarra kisaaraa guddaan ga’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Miseensonni garee shororkeessaa haleellaa kanarraa hafan gara miilli isaan baasetti baqachuu eereera.

Meeshaaleen diinni hidhatee bakkeewwan kanneenitti duule kaan faayidaan ala ta’uu fi kaan booji’amuu ibsameera.

Kisaaraa guddaa qaamoleen nageenyaa garee shororkeessaa kanarra geessisaa jiran baqachaa lageenii fi gaarawwan  keessatti warren faca’anii hafan irratti milishaan naannoo fi qonnaan bultoonni hordofuun gaachana biyyummaa isaanii cimsuu akka qaban ibseera.

Hanga ammaattis Raayyaa Ittisa Biyyaa cina kan dhaabbate humni addaa Amaaraa, Faannoo fi Milishaan hawaasa naannoo waliin ta’uun qabsoon taasisan kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.