Fana: At a Speed of Life!

Tarminaalli hunda galeessi tursa Horii gaanfaa Dooraalee eebbifame

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (FBC) – Tarminaalli hunda galeessi tursa Horii gaanfaa Dooraalee eebbifamuu ibsame.

Buufanni Ityoophiyaa fi Jibuutiin eebbisiisaan kun dhiyeessii nageenyummaan isaa eeggamee fi yeroon qaqqabsiisuuf kan gargaaru ta’uu sirna eebbichaarratti kan argaman Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen dubbataniiru.

Tarminaalli Horii gaanfaa kun daldalaa alaa horii gaanfaa Ityoophiyaa caalmaatti kan guddisu ta’uu ibsaniiru.

Bara baajataa kana Ityoophiyaan xaa’oo biyyoo meetirik toonii miiliyoona 1.8 alaa galchuuf karoorfachuu obbo Umar himaniiru.

Milkaa’iina hojii kanaaf Jibuutii waliin qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Sirna eebbicharratti Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen, Jibuutiitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa ambaasaaddar Birihaanuu Tsaggaayyee, ministirri Geejjibaa Jibuutii Moosaa Mahaammad, dura taa’aan buufata idil addunyaa Jibuutii fi naannoo bilisaa Abbuubakar Oomaar Hadiin dabalatee hoggantoonni olaanoon Ityoophiyaa fi Jibuutii argamuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’iisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

  1. Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.