Fana: At a Speed of Life!

Tarsiimoon damee qonnaa ammayyeessuuf gargaaru qoratamuun ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2012 (FBC) – Tarsiimoon damee qonnaa ammayyeessuuf gargaaru qoratamuun ibsame.

Tarsiimichi Koorporeeshinii Hojiilee Qonnaa Ityoophiyaa fi Eejansii Traanisfoormeeshinii Qonnaa waliin qindaa’uun kan qophaa’edha.

Qorannichi hoggansa koorporeeshinichaatin gamaaggamamaa kan ture yammuu ta’u, har’ammoo hoggansa damichaa sadarkaa federaalaa fi naannoleetin gamaaggamamaa jira.

Qorannichi damee qonnaa ammayyeessuu, qabeenya jiru sirnaan fayyadamuu, jijjiirrama eegalame itti fufsiisuu, carraa hojii uumuu, hojiilee invastimantii fi fayyadamtummaa hawaasummaa mirkaneessuurratti kan xiyyeeffatedha.

Yismaaw Adaraawtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.