Fana: At a Speed of Life!

Tarsiimoon geejjiba motora maleessa Ityoophiyaa ifoome

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Tarsiimoo geejjiba motora maleessa Ityoophiyaa Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Moogas ifoomsaniiru.
 
Tarsiimoon kun sosochii geejjibaa fooyyeessuu fi misooma hunda galeessa mirkaneessuuf tarkaanfii biyyattiin waggoottan kurnan dhufu keessatti fudhattu kan hammateedha jedhame.
 
Tajaajjilli Geejjiba motora maleessaa hawaasni haala salphaan iddoo gara iddootti akka socho’an kan gargaaru ta’uu himameera.
 
Fayyaan hawaasaa akka eeggamu damee qooda olaanaa ba’uu danda’uudha jedhame.
 
Aadde Daagmaawiit galma ga’iinsa tarsiimoo kanaaf dhaabbilee gumaacha taasisan galateeffachuu isaanii ragaan Ministeera Geejjibarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.