Fana: At a Speed of Life!

Tatamsa’ina vaayrsii koroonaa ittisuuf odeeffannoowwan hubannoo hawaasaa gaabbisaanii fi jijjirama amalaa fidan cimuu qabu jedhame

Finfinnee, Hagayya 9, 2012 (FBC) –  Tatamsa’ina vaayrsii koroonaa ittisuuf odeeffannoowwan hubannoo hawaasaa gaabbisaanii fi jijjirama amalaa fidan hojjachurratti hojiin kominikeeshini cimuu qaba jedhan Itti Gaafatamaan  Waajjira Sekireeteeriyaal Waajjira Muummee Ministiraa obbo Nugusuu Xilaahuun.

Vaayrasicharraa jijjirama amalaa fidee akka of eeguuf qindoominni kominikeeshin naannoolee, biroolee fayyaa fi miidiyaalee foyyaa’uu akka qabus obbo Nugusuun kan ibsan.

Midiyaaleenis hawaasa daddamaqsuurraatti dirqama biyyummaa caalatti bahuu qabus jedhaniiru.

Waltajjii ministeera fayyaa ittisa koronaaf hojiilee hubbannoo hawaasaa uumuuratti hanqinoota turaniifi kallattii ittiin foyyeessuun dandahamurraatti hoggansa kominikeeshinoota biroolee fayyaa naannolee fi magaaloota waliin Adaamaatti taa’aameera.

Of dagannaa ammaa akka biyyaatti uumame furuuf hubannoo uumuu fi qajeelfama labsii yeroo muddamaa hojirra oolchuurratti qindoominaan hojjatamu qaba jedhameera jechuun Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.