Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffi har’arra taa’anii egeree ijaaruuf taasifamuuf miidiyaa akka Faanaa barbaachisa- obbo Abrahaam Allahanyi

Finfinnee, Sadaasa 10, 2015(FBC)- Tattaaffi har’arra taa’anii egeree ijaaruuf taasifamuuf miidiyaa akka Faanaa Broodkaastiing Korporeet kan  barbaachisu ta’uu Walitti Qabaa Boordii Faanaa Broodkaastiing Korporeetiifi Waajjira Muummee Ministiraatti Qindeessaan Ijaarsa Diimokiraasii obbo Abrahaam Allahanyi ibsan.

Waltajjiin beeksisa qabiyyee haaraa Faanaa Broodkaastiing Korporeet beeksisuu, yaadota ijaarsaa walitti qabuufi guyyaan kabaja hundeeffama waggaa 28ffaa isaa Hoteela Iskaayi Laayititti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoo mootummaa garaagaraa, bakka buutonni daawwattootaa, dhaggeeffattootaafi hordoftootaa akkasumas dhaabbilee deeggartootaa argamaniiru.

Faanaa Broodkaastiing Korporeet miidiyaa jijjiirama keessatti jijjiiramaaf hojjetu ta’uu obbo Abrahaam Allahinyi haasawaa waltajjicharratti taasisaniin ibsaniiru.

Faanaan afaanota biyya keessaa 8 fi biyya alaa 2’n gama Raadiyoon, Televizhiiniifi Miidiyaa Diijitaalaan qabiyyee isaa gama dhaggeeffattoota, daawwattootaafi hordoftoota isaa kan gahu ta’uu eeruun, gahee ijaarsaa bahachaa jiraachuufi miidiyaa yeroo waliin tarkaanfatu ta’uu dubbataniiru.

Yeroon itti aanu yeroo keessa darbame caalaa rakkisaa ta’uu akka danda’u yaadachiisuun, rakkoolee akka carraatti fayyadamuun barbaachisaadha jedhan.

Teekinooloojii ammayyaa fayyadamuun, qabiyyee qophiileefi akkaataa dhiyeessii hawwataa taasisuun kaleessarra sadarkaa olaanaan gaheesaa ni ba’ata jedhanii kan amanan ta’uu ibsaniiru.

Uummattummaa isaa cimsuun rakkoolee bulchiinsa gaarii, malaammaltummaafi hanna qindaa’aa irratti duuluun itti gaafatamummaa biyyaalessaa bahachuu akka qabu kaasaniiru.

Duudhaalee gaarii turan babal’isuun gahee dhaloota biyyattii ceesisu ijaaruu cimsee akka itti fufu yaadachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.