Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojii dhibee biqiltoota fakkii qofaan adda baasu

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Dargaggoonni teessoo isaanii Magaalaa Jimmaa taasiisan lama teeknooloojii dhibee biqiltootaa fakkii qofaan adda baasuu ifoomsaniiru.
Dargaggoonni kunneen Injinaringii Daboo jedhamu fayyadamuun teeknooloojii dhibee biqiltootaa fakkii qofan adda baasuu ifoomsaniiru.
Teeknooloojichi dhibicha erga addaa baasee booda tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban ni teessiisa jedhame.
Misooma qonnaarratti Teeknooloojii ammaayyaa fayyadamuun furmaata garaagaraa barbaacharratti kan hojjetu Injinaringiin Daboo teeknooloojii hojii qonnaarratti odeeffannoo fi fakkii qindeessuun hojiiwwan garaagaraa hojjechaa jira jedhame.
Bara darbe qofa jiraattoota Jimmaa fi naannawaa isheetti argaman 300 oliif tajaajila laachuu ibsameera.
Injinariingii Daboo dargaggoota lama dameewwan ogummaa Mahaandisummaa hordofantu hundeesse jedhame.
Waldorgomii Biiznasii Giriin Innooveeshinii fi Agriiteek nagaa bara 2019 fi Beest Afrikaa moo’achuu isaanii ragaan Inistiityuutii Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.