Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojiin biyyattiin fayyadamtu gadi aanaa ta’uun, diinagdeerratti dhiibbaa uumera jedhame

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) – Teeknooloojiin biyyattiin fayyadamtu gadi aanaa ta’uun, diinagdeenis gadi aanaa akka ta’u dhiibbaa taasiseera.
 
Ityoophiyaan lafaa fi humna namaa misoomu qabaattus, teeknooloojiin fayyadamtu gadi aanaa ta’uu isaatin diinagdeen ishees gadi aanaa akka ta’u dhiibbaa uumera jedhe Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii.
 
Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii hoggansa naannoo fi bulchiinsota magaalaa waliin tarsiimoo, imaammataa fi karoora waggaa 10 qopheesserratti mari’ateera.
 
Teeknooloojii haaraa madaqsuu, maddisiisuun fayyadamuurratti hanqinni akka jirus kaasera.
 
Gama biraatin teeknooloojii misoomsuuf rakkoon bu’uuraalee misoomaa jiraachuun hanqina jedheera ministeerichi.
 
Rakkoo kanas furuuf waggoottan kurnan itti aananiif karoorri, tarsiimoo fi imaammatni qophaa’era jedhe.
 
Ministirri ministeerichaa Dooktar Abrahaam Balaay teeknooloojiin naannolee fi federaalaa walirraa fagaachuu ibsanii, gara fuula duraatti kana hiikuuf ni hojjetama jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.