Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojiin ragaa barnoota sirrii mirkaneessuu hojiirra ooluufi

Finfinnee, Amajjii 29, 2013 (FBC)-Teeknooloojiin ragaa barattoota dhaabbilee barnootaa mootummaa fi dhuunfatti eebbifamaniif sirriin ta’uusa mirkaneessuu hojiirra ooluufi.
Daayreektarri olaanaa Ejansii qulqullinaa barnoota sadarkaa olaanoo Dooktar Andu’aaleem Adimaasee Faanaa Broodkaasiting Koorporeetif akka ibsanitti, hojimanni kun dhaabbiilee fi namoonni dhuunfa hojjettoota mindeessuuf ragaa sobaatin akka hin gowwamfamneef ni gargaraa.
Ityoophiyaatti yeroodha gara yerootti dabala kan dhufee ragaan sobaa fi dogogoraa sirrii ta’e adda baasuuf rakkoo uumaa tureera.
Yeroo amma kana garuu dhaabbilee garagaraa waliin hariiroo uumuun ragaa teeknooloojiin deeggaramee qaama barbaaduf laachuuf hojiiwwan xumuramuu ibsaniiru.
Hojiicha eegalchiisuufis hojjettoonni eejansichaa leenjii ga’aa fudhachuu ibsaniiru.
Itti gaafatamummaa seeraa akka qabattufis Abbaa Alangaa Waliigalaa, Komishinii Poolisii Federaalaa, Komishinii Farra Malaamaltummaa, Mana Murtii Waliigalaa fi Ministeera Teeknooloojii fi Innooveeshinii akkasuumas Eejansii Odeeffannoo fi Nageenyaa waliin hojjetama jira jedhaniiru.
Hojiiwwan kunneen xumuramuun dhiyeenyaatti hojii kan eegalan ta’uus ibsaniiru.
Sisaay Geetinnatu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.