Fana: At a Speed of Life!

Teeslaan roobootii gochaalee garaagaraa raawwachuu danda’u ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Ameerikaa Teeslaan roobootii si’a tokkotti gochaalee garaagaraa raawwachuu danda’u ifoomsuu gabaafame.

Roobootichi miilaan adeemuu, harka isaa asiifi achi raasuu akkasumas harka isaan meeshaalee baachuu  kan danda’u ta’uu ibsameera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Iloon Mask,roobootichaaf moggaasni maqaa Ooptiimas jedhamu kennamuufi roobootichi dhaabbatichaarra darbee lammiilee miiliyoonota gargaaruu kan  danda’u ta’uu dubbatan.

Roobootichi hanga waggoota shanan dhufaniitti hanga Doolaara Kuma 20n gurguramuu akka danda’u ibsaniiru.

Roobooticha hojjetanii xumuruuf hanga baatii 8 fudhachuufi hojii hedduu hojjechuu akka danda’u Ilon Mask eeraniiru.

Hojiileen dhaabbata Teeslaa keessatti hojjetaman roobootichaan kan deeggaraman ta’uu eeruun, dameeleen hojii roobootichi irratti bobba’u gara fuuladuraatti babal’achaa kan deeman ta’uu ibsuu CNETn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.