Fana: At a Speed of Life!

TiikTook caalbaasi Maaykiroosooft kufaa taasise

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC) –TiikTook caalbaasi Maaykiroosooft kufaa taasise.

Appilikeeshinii jaalatamaa ta’e namoonni ittiin viidiyoo waliif daddabarsan TiikTook caalbaasii Maaykiiroosofti Ameerikaaf bituudhaaf  gaaffii dhiyeesse kufaa taasiseera.

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp appilikeeshinii abbaa qabeenyummaa Chaayinaan qabame akka gurguramu yookaan ammoo akka cufamuuf hanga Baatii Faranjoota Fulbaana 15 beellama laatanii turan.

Bulchiinsi Tiraamp TiikTookii fi appilikeeshinoonni Chaayinaa kanneen biro nageenya biyyaaf sodadha jedhan.

Maaykiroosooftii fi Oraakil TiikTookiin dhaabbata Chaayinaa Baayteedaansirraa bituuf dorgomicha gaggeesaniiru.

Haat’uti TiikTook Caalbaasii Maaykiroosooft daqiiqaa dhumaarratti kufaa taasiseera.

Maddi:- BBC

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.