Fana: At a Speed of Life!

Tiraamp mormii kutaalee biyyattii garaagaraatti adeemaa jirutti loltuu akka bobbaasuuf jiran dhaadatan

 

Finfinnee, Caamsaa 25, 2012 (FBC) – Preezdantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp mormii kutaalee biyyattii garaagaraatti adeemaa jirutti loltuu akka bobbaasuuf jiran dhaadatan.

Preezdantiin Ameerikaa ajjeechaaa nama gurraacha Joorji Filooyidiin booda mormii kutaalee biyyattii garaagaraatti adeemaa jirutti loltuu akka bobbaasuuf jiran dhaadatan.

Magaalawwanii fi naannoleen mormii kana yoo to’achuu hanqatanii fi jiraattota isaanii hin eegne,loltuu bobbaasanii ”rakkoo kana akka furan,” dubbatan.

Duuti nama umrii 46 Joorji Filooyid mormii guutummaa biyyattiitti ka’eef sababa ta’eera.

Magaalawwan kunneen guyyaa torbaffaaf tasgabbii dhabnaan sa’aatiin namni itti socho’u daangeeffameera.

Haa tahu malee mormiin ammallee itti fufa jedhameetu yaadama.

Poolisiin Joorjiin mormarra jilbeeffatee hafuura baafachuu isa dhorke, Dereek Chawuviin ajjeechaa sadarkaa sadaffaan himatamee torbee dhufu mana murtiitti dhiyaata.

Poolisooti biroo sadiis hojiirraa ari’amaniiru.

Wiixata darbe qorannoon reeffa Joorji Filooyid irratti gaggeeffame ajjeechaa sukanneessaa akka tahe mirkaneesseera.

Tiraamp ibsa gabaabaa Waayit Haawusitti Wiixata kaleessaa otoo kennanii alaa mormiin uummataa gaazii imimmaanessituu fi qawween yoo bittinfamu dhagahameera.

”Lammiileen Ameerikaa marti ajjeechaa sukanneessaa Joorji Filooyidiin dhukkubsataniiru, garuu warri hokkora uuman yaadannoo isaa balleessaa jiru,” jedhan.

Hokkoraa fi hanna yeroo kana magaalattiitti uumame ”waan qaanii” jechuun yoo ibsan, eegumsa magaalawwan kanaas nan jabeessa jedhaniiru.

”Loltoota kumaatamaan lakkaawwaman bobbaaseen hanna, meeshaa barbadeeessuufi miidhaa dhaqqabsiisuu akka dhaabsisaniin godha,” jedhan.

Tiraamp otoo ibsa kana kennanii mormii Waayit Haawusii alatti dhaga’amuuf ”kunneen seera-maleessota muuxannoo qabanifi gareewwan farra Faashistii Antiifaa jedhamaniin himataniiru.

Hanga ammaatti loltoonni 16,000 mormii magaalawwanitti adeemaa jiru dhaabuuf bobbaafamaniiru.

Warreen gochaa shororkeessummaa qindeessan kana adabbiin cimaa akka isaan eeggatu dubbataniiru.

Maddi: BBC

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.