Fana: At a Speed of Life!

Tiraamp Sudaaniin tarree biyyoota shororkeessitoota deeggaran keessaa haquufi

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Sudaaniin tarree biyyoota shororkeessitoota deeggaran keessaa haquufi.

Preezdaantichi kun kan ta’u bara Faranjoota Sudaan haleellaa imbasiiwwan Ameerikaa,Keeniyaa fi Taamzaaniyaarra qaqqabeen Ameerikaanoota maatii isaanii dhabanii fi miidhamaniif beenyaa doolaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 3 fi miiliyonaa 35 yoo kaffalteedha jedhaniiru.

Mootumman Sudaaniis beenyaa gaafatamee feedhii isaan galii taasisu beeksiseera.

Tiraamp fuula Twiitara isaanii akka ibsaniitti ‘oduu gaaridhaa’ foyyaa’insa hedduus taasisa jirra jedhaniiru.

Mootuumman Sudaan inni haaraan maatii halleellichaf saaxilamoo ta’aniif beenyicha kaffaluuf walii galeera jedhan.

Preezdaantichi maallaqichi erga galii ta’ee booda Sudaaniin tarree biyyoota shororkeessitootaa deeggaran keesssa nan baasaa jedhaniiru.

Bara Faranjoota 1998 haleellaa imbasiiwwan Ameerikaa 2 irra qaqqabeen namoonni 220 caalan ajjeefamaniiru.

Sudaan biyyoota Ameerikaa tarree shororkeessitoota jalatti ramaddee jirtu kanneen akka Iraan, Kooriyaa Kaabaa fi Siiriyaa waliin tooraa tokko jirti.

Hariiroon Ameerikaa fi Sudaan sababa kanaan laafee ture erga bara darbe preezdaantiin waggoota 30’f biyyattii bulchan warraaqsa uummataan aangoorraa fonqolfamanii fooyya’aa dhufeera.

Preezdaantiin Ameerikaa biyya tokko tarree biyyoota shororkeessummaa deggaran jalaa haquuf aangoo qaba.

Kongiresiin yaada preezdaantii kana hanga guyyoota 45 keessatti diduu danda’as jedhameera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.