Fana: At a Speed of Life!

Tiraamp TikTok aappii viidiyoon ittiin qoodamu akka dhorkamu beeksisan

Finfinnee, Adoolessa 25, 2012 (FBC) – Preezdantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp TikTok aappii viidiyoon ittiin qoodamu abbummaan isa kan Chaayinaa ta’e Yuunayitiid Isteet  keessati akka dhorkamu beeksisan.

 

Gaazexessitootatti yoo himan Sanbata ganamaan akka dhorkamu xalayaa ajajurratti nan mallatteessa jedhan.

 

Hoogganoonni nageenyaa Yuunayitiid Isteet  aappichi odeeffannoo dhuunfaa lammiilee biyyattii sassaabuuf oola jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

 

TikTok kan dhaabbata Chaayinaa ‘ByteDance’ jedhamuu yoo ta’u, yeroo dhiyoo as fayyadamtootaa hedduu horachuutti jira.

 

Ameerikaa fi Indiyaa keeessattis ji’atti fayyaadamtoota si’aawoo miiliyoona 80 qaba.

Tiraamp tarkaanfii kana yoo fudhatan dhaabbata Chaayinaa kanaaf miidhaa guddaa ta’a.

 

Ammatti aangoo akkamiin Tiraamp aappii kana dhorku, akkamiin raawwatama fi danqaawwan seeraa maaltu isaan mudata kan jedhu ifa miti.

 

Dhaabbatni Microsoft aappii kana dhaabbata ByteDance kan Chaayinaa kanarraa bituuf mariitti kan jiru yoo ta’u, ejjennoon Tiraamp kun adeemsa bittaa kana laaffisuu mala kan jedhuus dubbatamaa jira.

 

Dubbii himaan TikTok ibsa Tiraamp irratti deebii kennuu baataniis miidiyaalee Yuunayitiid Isteetiif yaada kennaniin aappichi yeroo dheeraa keessa Ameerikaa keessatti akka milkaahu ofitti amannee dubbannaa jedhaniiru.

 

TikTok Ameerikaa keessatti akka hin hojjenne ugguruun Yuunayitiid Isteetii fi Chaayinaa gidduutti waldhabdeen jiru hammaachaa wayita jirutti dhaagahame.

 

Torbanoota dura biyyoonni lameen Qoonsilaawwan isaanii walirraa cufanii turan.

 

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.