Fana: At a Speed of Life!

Tiriipooliin dhukaasa garee hidhattootaan banameen jeeqamuu gabaafame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Liibiyaatti qocolloo aangoon walqabatee  uumameen humnoonni hidhatan magaalaa Triipoolitti dhukaasa banuu paarlaamaan biyyattii beeksiseera.

Ajajaan waraanaa biyyattii Fiild Maarshaal Kaliifaa Hafxaar ibsa laataniin, ka’umsi walitti bu’iinsa magaalaa Triipooliitti uumamee bulchiinsi biyyattii duraanii bakka bu’aa paarlaamaa haaraa Faatii Bashaagaatti aangoo dabarsee kennuuf fedhii dhabuurraan kan ka’e ta’uu eeraniiru.

Walitti dhiyeenyi muummeen ministiraa haaraan biyyattii Faatii Bashaagaan Fiild Maarshaal Kaliifaa Hafxaar waliin qaban garee mormitootaa biraatti hin jaallatamne.

Faatii Bashaagaan waldhabdee bulchitoota Liibiyaa baatiwwan lamaaf ture booda gara magaalaa Triipooliitti kan deebi’an yoo ta’u, magaalaa seenanii sa’aatii muraasaan booda dhukaasni eegaluu Fiild Maarshaal Kaliifaan dubbataniiru.

Muummeen Ministiraa Faatii Bashaagaanis nageenya lammiileef jecha magaalitti lakkisanii ba’uu kaasaniiru.

Har’a ganama sagaleen meeshaalee waraanaa gurguddoo magaalichatti dhaga’amaa kan ture yoo ta’u, manneen barnootaa cufamuu fi sochiin geejjibaa dhaabbachuu miidiyaaleen gabaasaniiru.

Jeequmsi biyyattiitti uumame dhaabbileen boba’aa biyyattii gariin akka cufamaniif sababa ta’uu fi madda galii biyyattii kan ta’e boba’aan walakkaan hir’achuu “ Africa News fi France 24” gabaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.