Fana: At a Speed of Life!

Tiwiiitarri Traamp hanga dhumaatti ugguramuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (FBC) – Fuula Tiwiittarii Preezdaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp itti fufiinsan ugguruu dhaabbatichi beeksise.
Tiraamp dabalataan gochaawwan kakaasii jeequmsaa taasiisuu danda’u soda jedhuun hanga dhumaatti fuula isaanii ugguruu dhaabbatichi ibseera.
Dhaabbatichi murtoo kanarra kan ga’e ergaa Preezdaantichi Fuula Tiwiitarii isaa @realDonaldTrump jedhurratti barreesse erga qoratee booda ta’uu ibsameera.
Tiraamp deeggartoota isaa Kaappitool Hiil weeraraniin ‘isin goota’ jechuu isaanii hordofee Fuulli Tiwiitarii isaanii sa’aatii 12f ugguramee ture.
Tiraamp irra deebiin dhimmoota waltajjii miidiyaa hawaasummaan cabsan raawwatan taanaan fuulli Tiwiitara isaanii yeroo dhumaaf akka ugguramu Tiwiitarri akeekkachiisee ture.
Yaa ta’uutii sababa Preezdaant Tiraamp erga akkaawuntiin isaanii irra deebiin banamee yeroo muraasa booda ergaa 2 waltajjii miidiyaa hawaasummaan cabsan barreessaniin Fuulli Tiwiitarii isaanii yeroo dhumaaf uggurameera.
Tiraamp uggura Tiwiitaraa sa’aa 12 booda ergaa maxxansaniin ”warra nagaafattaniif sirna waadaa galuu Amajjii 20,2021 hin dhaquu” jechuun isaanii kan yaadatamuudha.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.