Fana: At a Speed of Life!

Tiwuutariin suuraa fuula nama gurraacharraa kan warra adiif loogu ta’uusa ibsame

Finfinnee, Fulbaana 12, 2013 (FBC) – Tiwuutariin suuraa fuula nama gurraacharraa kan warra adiif loogu ta’uusa ibsame.

Tiwuutariin suuraa fuula nama gurraacharraa kan warra adiif loogu ta’uusaa erga fayyadamtoonni baranii booda dhaabbatichi dhimmicha qorachuutti ka’e.

Akka fayyadamtoonni jedhanitti, suuraaleen lama, tokko adii kaan ammo gurraacha godhamuun wal-bira yoo kaa’aman, Tiwuutariin yeroo baay’ee isa kan adii qofa mobaayila irratti akka mul’isudha.

Tiwuutar gama isaatiin dhimma sanyii irratti wanti kun osoo hojiirra hin oolin dura algorizimiin appilikeeshinichaa sakatta’ameera jedha.

“Garuu qorannoo biraa taasisuu akka qabnu ifaadhas,” jedheera dabalataan.

Mormiin tibbanaa kan biraan ammoo kan ka’e wayita hogganaan yunivarsiitii Kooliin Maadlaandi Vaankuuvar irraa wal-ga’ii karaa aappii ‘Zoom’ jedhamuun geggeessaa turanitti mataan miiltoo isaa dhokataa jiraachuu wayita hubatettidha.

Eedaa sooftiweerichi mataa namicha sanaa meeshaa bareedinaaf duuba kaa’amee (background) itti fakkaatee keessaa kutaa ture.

Obbo Maadlaandi dhimmicha gara Tiwuutar fidee wayita maxxansu, fuula ofii qofa arguutti ka’e, kan miiltoosaa dhokateera.

Suuraa bakka wal-jijjiiree kaa’us omtuu hin jijjiiramu.

Argannoon isaa kunis fayyadamtoonni biroos wantoota kunneen akka hubatan isaan taasie:

Suuraan dursaa Seeneetii Yuunayitiid Isteet Miich MaakKoonel kan preezdantii duraanii Baaraak Obaamaarra filatameera.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.