Fana: At a Speed of Life!

To’annoo nageenya daandii teeknooloojidhaan deeggaruuf hojjetamaa jira -ministeericha

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Balaa tiraafikaa hir’isuuf to’annoon nageenya daandii teeknooloojidhaan deeggaruuf hojjetamaa jira.
 
Waliigalteen nageenya daandii teeknooloojidhaan deeggaruu dandeessisu kunis Ministeera Geejibaa fi dhaabbata gorsaa idil addunyaa Deenmaark NTU waliin mallatteeffameera.
 
Waliigalteen hojichaa kan Birrii miiliyoona 71 ta’uu ministeerichi beeksiseera.
 
Proojaktichi qorannoo nageenya daandii mirkaneessuu fi balaa tiraafikaa hir’isuu dandeessisu hojjechuuf gargaara jedheera ministeerichi.
 
To’annoo nageenya daandii teeknooloojidhaan deeggaruu, balaadhan booda gara yaalaa geessuurratti of eeggannoowwan taasifamanirrattis ni xiyyeeffata.
 
Dhaabbanni gorsaa waliigalteen waliin mallatteeffame hojii kennameef baatii 18 keessatti ni xumuraan eegama.
 
Proojaktichi naannolee 4 akka fakkeenyaatti fudhachuudhan ni qorata jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.