Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa biyyaalessaa fi waliin jireenyaaf ciminaa fi obsaan hojjechuu gaafata – MM FDRI Dooktar Abiy

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Tokkummaa biyyaalessaa fi waliin jireenyaaf ciminaa fi obsaan hojjeechuu gaafata jedhan Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
 
Adeemsi jijjiiramaa dheeraa fi bu’aa bayiidhaan kan guutame ta’uu ibsaniiru.
 
Dooktar Abiy,haalli jijjiiramaa waltajjii walxaxaa fi fedhiiwwan adda addaa hedduu keessatti keessummeefamu jedhan.
 
Jijjiiramni gaariin qabsoo obsaa waliin godhamu malee hindhufu jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.
Warri qabsaa’an ni jijjiiru, warri obsan immoo bu’aa jijjiiramaa argu.
 
Tokkummaa biyyaalessaa fi waliin jireenyaaf ciminaa fi obsaan hojechuu gaafata jedhaniiru.
 
Ajandaawwan #badhaadhina Ityoophiyaatiif hin fayyanne yeroo, maallaqaa fi humna keenya miti, gurra keenya argachuu hin qaban.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.