Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaan sabdaneessaa yoomiyyuu ni injifata-Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Sadaasa 20, 2013 (FBC)- Waggoottan  lamaan darbanitti gaaffii demookaraasii dhugaa uummata deebisuu fi sirna mootummaa ifoome ijaaruuf jijjiirrama waarawaa fiduuf Ityoophiyaaf ifnii aduu abdii ba’eera.

Paartii Badhaadhinaa haala waaqtawaarratti ibsa baaseen, gareen gantuu ABUT jijjiirraama Ityoophiyaannoonni kan ofii isaanii taasisaan gufachiisuu fi biyyaa diiguuf daandiin shira xaxuu inni hin yaalle hin jiru.

Gareen kun sirna ijaarsa demookiraasi dhugaan akka hin ijaaramnee kutaa biyyattii garagaraatti miseensaa isaa gurmeessuu fi hidhachiisuun lammiileen akka buqqa’aan, ajjeechaa, qabeenyaa barbadeessuu fi hojiiwwan biroo nageenyaa biyyattii booressan raawwachuun Ityoophiyaa diiguuf tattaaffii cimaa taasisaa tureera.

Keessayu biyya keenyaatti hooggansi jijjiirrama hooggansaa erga harka fuudhee booda juuntichi ofiisaa sirna federaalaa keessaa of baasee magaalaa Maqalee erga da’atee booda gama tokkoon lolaaf qophaa’aa gama biraan ammoo, murtoowwanii fi kallattiiwwan seeroota mootumma federaalaa darban raawwachuu dhabuun mootummaa federalaarratti ibsoota diigamuu hanga baasuutti hojjechaa tureera.

Dabalataniis raayyaa ittisa biyyaa Izzii kaabaarratti haleellaa raawwateen lubbuun qaalii raayyaa ittisaa akka baduu, miidhaa qaama, saamichaa fi akka barbada’aan taasiseera.

Magaalaa Maaykaadiraattis lammiilee baroota dheeraa waliin jiraataan dursee eenyummaa isaanii erga adda baasee lubbuu lammiilee nagaa 700 haala sukanneessaan ajjeechaa raawwachuun miidhaa mirga namoomaa qaqqabsiiseera.

Raayyaan ittisa biyyaas birmadummaa biyyatti kabachiisuu tarkaanfii olaantummaa seeraa fudhachaa tureen naannoo Tigraayiin juuntaarra guutumma guututti bilisa baaseera.

Paartiin Badhaadhinaas raayyaan ittisa biyyaa injifannoo gonfateen erga baga gammadaanii ummatootaa Ityoophiyaa maraaf dabarseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.