Fana: At a Speed of Life!

Torbee kana Shakkamtoota miseensota garee shororkeessaa ABUT himanni ni banama jedhame

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC)- Torbee kana Shakkamtoota miseensota garee shororkeessaa ABUT himanni ni banamuu ta’uu Itti Aanaan Abbaa Alangaa Waliigalaa obbo Fiqaadu Tsaggaye ibsan.

Shakkamtonni miseensota garee shororkeessaa ABUT karaa seera qabeessaanifi karaa haqaan osoo hin taane dhibbaa biroon bilisa bahuuf yaalaa turan 42 irratti himanni kan banamu ta’uun ibsame.

Shakkamtonni kunniin wayita qorannoo jalqabaa fi qorannoo ijoo irratti dhimmi isaanii qabiyyee siyaasa akka qabaatuf yaalii taasisaa turuniiru jedhame.

Shakkamtonni kunniin sababoota hin mallee adda addaa dhiyeessun murteen Mana Murtii ture jechiisisuuf yaala kan turan ta’uufi qorannoon gaggeeffamaa ture yeroo yaadame olitti dafee xumuramu obbo Fiqaadu Tsaggayeen himaniru.

Adeemsa qorannoo fi ragaa dhagahuu irratti rakkooleen osoo muudachuu baatanii, himanni kun kanaan dura kan banamu ta’uun ibsameera DhIP gabaasera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.