Fana: At a Speed of Life!

Torbeen dhaabbilee waldaalee Siiviikii 3ffaan kabajamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 30, 2015 (FBC)- Torbeen dhaabbilee waldaalee Siiviikii 3ffaan Finfinneetti kabajamuu eegale.

Torbechi mata duree “Hirmaannaa dhaabbilee waldaalee siiviikii nageenya waaraaf, kabajamuu mirga namoomaa fi ijaarsa bulchiinsa gaariif” jedhuun gaggeeffama jira.

Torbeen dhaabbilee waldaalee siiviikii hanga Waxxabajjii 2, 2015’tti kan turu yoo ta’u sochii waldaaleen siiviikii argisiisuu fi hariiroo isaanii cimsuurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Sirna baniinsa sagantichaarratti Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos, dhaabbileen waldaalee siiviikii ijaarsa biyyaaf gaheen bahachaa jiran olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Yeroo ammaas haala mijataa mootummaan uumeen waldaaleen daran akka socho’an taasisuu himaniiru.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Waldaalee Siiviikii Jimaa Dilboon gama isaaniin, jijjiiramaan boodaa waldaaleen haaraan kuma 2 fi 600 ol hojiitti seenuu eeraniiru.

Dhaabbileen kunneenis keessumaa bara darberraa eegalee walitti bu’iinsa biyyattiitti uumamee tureen hawaasa miidhaaman gama tumsuun hojiilee bal’aa hojjechuu kaasaniiru.

Gahee ijaarsa biyyaa fi nageenya waaraaf akka bahatan amantaa qaban ibsaniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.