Fana: At a Speed of Life!

Torbeen dhibee Bookee Busaa biyyaalessaa Shawaa Bahaatti kabajamaa jira

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) – Torbeen dhibee Bookee Busaa biyyaalessaa godina Shawaa Bahaa aanaalee 3 keessatti kabajamaa jiraachuu ibsame.
 
Torbeen Bookee Busaa kun sadarkaa biyyaalessaatti Fulbaana 30, 2013 hanga Onkololeessa 5, 2013 naannoleetti akka qabajamu ibsameera.
 
Dhibeen Bookee Busaa yeroo gara yerootti hir’achaa dhufus waggoottan sadan darbanii as dabalaa dhufuu Ministir deettan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.
 
Bara 2012tti namoonni miiliyoonni 1.5 dhibee kanaan qabamuu isaanii ibsaniiru.
 
Naannoo Oromiyaatti waggoottan kurnan darbanitti dhibee busaa % 87 hir’isuun danda’amuu hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangiftu Baqqalaan ibsaniiru.
 
Yaa ta’uutii bara 2012 keessa weerarri dhibichaa aanaalee naannichaa 45 keessatti muul’achuu eeraniiru.
 
Bookee Busaa balleessuuf qaamni hundi xiyyeeffannoon hojjecha akka qabu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.