Fana: At a Speed of Life!

Torbeewwan lamaan darbanitti biyyoota garagaraarra lammiileen kumni 41 ol gara biyyaa deebi’aniiru-Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Adooleessa 22, 2013 (FBC)- Torbeewwan lamaan darbanitti Saa’ud Arabiyaa fi biyyoota garagaraarra lammiileen kumni 41 fi 485 gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimmaa Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftiin ibsa torbee laataaniin mootummaan lammiileen Saa’ud Arabiyaa fi  biyyoota garagaraatti argaman deebisuuf fedhii olaanaa qabachuu fi qophiidha jedhaniiru.

Lammiilee gara biyyaasaanii deebi’aniif komishiniin carraa hojii uumuu federaalaaa carraa hojii mijeessuuf sochii eegaluu ibsaniiru.

Dubbii himichi ibsa isaaniin lammiileen kumni 60 ta’aan ammallee Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessaa jiraachuu saanii himaniiru.

Biyyoota ollaan walqabsiisee hariiroon Jibuutii waliin jiru nagaa ta’uu ibsuun, Sudaan iddoowwan Ityoophaa qabattee daandii dabalatee bu’uuraalee misoomaa ijaaraa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaanis adeemsichi sirrii ta’uu dhabuusaaf Sudaaniif akeekkachiisaa laachaa jiraachuu himaniiru.

Kanarra darbees dhimmi daangaa Sudaan, hidha haaroomsaa guddichaa Ityoophiyaa fi naannoo Tigraayiin wal qabsiisee dhimmoota muudatan Ityoophiyaa ga’umsaan hordofaa jiraachuu himaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaas rakkoowwan naannoo daangaatti muudatan ittisuuf qophii ta’uu kaasaaniiru.

Ameerikaan baqattoota Eertiraan walqabsiisee ABUT irratti akeekkachiisaa dabarsuun ishee biyyattin ejjeennoo kana dura qabattee fooyyeessaa jiraachuusheef agarsiiftudha jedhaniiru.

Kana waliin walqabsiisee ergaawwan kana fakkataan miseensoota biroorraa ni darbuun eeggamaadha kan kaasaan.

Wandaasan Areegaaheny

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.