Fana: At a Speed of Life!

Traamp Jenaraal Mootars meeshaalee sirna hargansuuf gargaaran akka oomishu ajajan

Finfinnee, Bitootessa 19, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp dhaabbanni Jenaraal Mootars meeshaalee sirna hargansuuf gargaaran akka oomishu ajajaniiru.

Dhaabbanni jeneraal Mootars Ameerikaatti konkolaattotaa fi qaama konkolaataa oomishuun addunyaarritti warreen gurguddoo ta’an keessaa isa tokkodha.

Dhabbatichi oomishaalee biyyaaf barbaachisoo ta’an akka oomishu preezdaantichi dirqisisuu akka danda’an, wayita lola Kooriyaa meeshaalee ittisaaf oolan oomishuuf akka dirqame eeruun ajajicha dabarsaniiru.

Preezdaantichi yeroo amma lubbuu Ameerikanoota vaayrasii koroonaarra olchuuf tarkaanficha fudhachuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Ameerikaatti vaayrasii koroonaa sirna hargansuu namaa miidhu lubbuu namootaa olchuuf hanqinni meeshaa hargansuu (veentileetar) jiraachuu himaniiru.

Traamp kanarratti hundaa’uun waarshichi biyyattitti meeshiicha oomishee akka dhiyeessu gaafatanit turan.

Jeenaraal Mootars gama isaatin baatii Ebilaarraa eegalee baatii takkaan veentileetaroota kuma 10 nan oomisha jechuun isaa ni yaadatama.

Ameerikaatti vaayrasichaaf namoonni kumni 104 ta’an saaxilamaniiru.

Kumni 1 fi 700 ammoo lubbuun darbeera.

Gama biraatin vaayrasichaan Xaaliyanii fi Ispeen guyyaa takkaan du’a lakkoofsan olaanaa ta’e galmeessisaniiru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.