Fana: At a Speed of Life!

Traamp karaa nagaan aangoo dabarsuuf murteessuu beeksisan

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp moo’atamuu isaan amanuun karaa nagaan aangoo dabarsuuf qophii ta’uu beeksisan.
Demookraatoonni Traamp waajjira isaanii gadi dhiisuun akka ba’an waamicha dhiyeessuufii dubbataniiru.
Jeequmsa deeggartoonni Doonaald Traamp tibbana uumuun hordofee Feesbuukiin Twiitara isaanii ugguruun kan yaadatamuudha.
Deeggartoonni kunneen Kaappitool Hiil erga seenaan mootummoonni addunyaa Preezdaant Tiraamp balaaleeffataniiru.
Jeequmsa uumameen Poolisii Kaappitool Hiil tokko dabalatee lubbuun namoota 5 darbeera.
Toorri Twiitarii isaanii sa’atii 12’f erga uggurame booda akeekkachiisa waliin gadi lakkifameera.
Preezdaanti Traamp bara Faranjootaa Amajjii 20, 2021 aangoo yeroo itti dabarsaniidha.
Preezdaant Traamp ‘amma xiyyeeffannoon koo karaa nagaan aangoo dabarsuudha jedhan fuula Twiitara isaaniin.
Yeroon kun yeroo araaraa fi nagaa akka ta’u gaafataniiru.
Guyyaa kaleessaa Kongiraasiin Yuunayiitid Isteet Joo Baayidan filannoo preezdaantummaa Sadaasa darbe mo’ate preezdaantii biyyattii itti aanu ta’uu isaanii seeraan raggaasisee ture.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.