Fana: At a Speed of Life!

Turk konkolaattota humna elektirikaan hojjetaniif bu’uuraalee misoomaa diriirsuuf qophii ta’uu ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Turk hanga bara faranjootaa 2030tti konkolaattota humna elektirikaan hojjetaniif bu’uuraalee misoomaa diriirsuuf qophii ta’uu beeksisteerti.

Biyyattiin bu’uuraalee misoomaa diriirsuu dabalataan teeknooloojiiwwan human haaromsaa misoomsuuf baajata Doolaara biiliyoona 3 karoorsuu gabaafameera.

Turkiin bara faranjootaa 2016 hanga 2020tti naannoo Doolaara biiliyoona 4.5 babal’ina bu’uuraalee misoomaa humna elektirikaaf oolchuu Ministirri Ministeera Anniisaa fi Qabeenya Uumamaa biyyattii Faatiihi Doonmeez ibsaniiru.

Biyyattiin hanga bara faranjootaa 2025tti Doolaara biiliyoona 7.5 sarara elektirikaa fi dhimmoota isa waliin hidhata qabanirra oolchuuf karoorfachuu Anaadooluun gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.