Fana: At a Speed of Life!

Tuurk loltoonni Sooriyaa 51 Idliibitti ajjeefamuu beeksifte

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Tuurk loltoonni Sooriyaa 51 Idliibitti ajjeefamuu beeksifteetti.

Tuurk guyyaa kaleessaa kaaba dhiha Sooriyaatti loltoonni mootummaa 51 ajjeefamuu isaanii beeksisteetti.

Loltoonni kunneen bulchiinsa Idliibitti tarkaanfii hidhattoota Tuurk deeggartuun ajjeefamuu Ankaaran beeksisteetti.

Loltoota ajjeefamaniin alatti Taankiin Sooriyaa lamaa fi mankuusaan meeshaa waraanaa barbadaa’uusaa Ministeerri Rayyaa Ittisa Biyyaa Tuurk beeksiseera.

Waraanni Sooriyaa gama isaatin, waraanni Tuurk haleellaa qaqabsiisef ifatti dubdeebii ni argata jedheera.

Loltoonni Sooriyaa bara Faranjootaa 2012n booda tibba darbe yeroo jalqabaatif daandii Aleeppoo magaalaa guddoo Damaasqotiin wal qunnamsiisu to’ataniiru.

Egasii finciltoonni Sooriyaa fi loltoonni Tuurk waraana Sooriyaarratti haleellaa qaqqabsiisaa turaniiru.

Maddi:-Rooyitars

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.