Fana: At a Speed of Life!

Tuurkitti balaa kirkira lafaa mudateen lubbuun namoota 20 darbe

Finfinnee, Amajjii 16, 2012 (FBC) – Tuurkitti balaa kirkira lafaa mudateen lubbuun namoota 20 darbuun dhaga’ame.

Balaa kirkira lafaa maagniitiyuudii 6.8 mudatee kanaan gamoowwan heedduun jijjiguun lubbuu namootaa irratti midhaa cimaa qaqqabsiisera.

Kirkira lafaa baha Tuurkitti mudateen lubbuun namoota 20 yoo darbu, 1000 ol miidhamaniiru.

Kanneenirra midhaa qaamaa cimaa fi salphaan qaqqabeera.

Bara Faranjootaa 1999 Tuurk naannoo Iizmiit jedhamutti kirkira lafaa mudatee tureen lubbuun namoota kuma 17 oli darbeera.

Qondaaltonni biyyattii akka himanitti kirkira lafaa mudateen booda sosochiin lafaa si’a 200 uumameera.

Iddoo balaan kun itti mudatetti lubbuu baraartonni 400 hirmaataniiru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.