Fana: At a Speed of Life!

Ugaandaatti balaa lolaa qaqqabeen lubbuun namoota 8 darbe

Finfinnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Dhiha Ugaandaatti balaa lolaa qaqqabeen lubbuun namoota 8 darbuu Waldaan Fannoo Diimaa biyyattii beeksise.
 
Namoota lubbuun darban keessaa namoonni 4 miseensota maatii tokko ta’uu waldichi ibseera.
 
Hangi namoota balaa kanaan miidhamanii qulqullaa’aa jiraachuu himameera.
 
Maatiin 5 ammoo hanga ammaatti as buuteen isaanii kan hin argamne ta’uu miidiyaaleen biyyatti gabaasaniiru.
 
Miidhaa qaqqabeen bu’uraaleen misoomaa fi qabeenyi hedduun barbadaa’uu ibsameera.
 
Maddi:- CGTN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.