Fana: At a Speed of Life!

Uggura Tiiktookirra taa’ee ture abbaan seeraa yeroo hin murtooneef kaasan

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC) – Uggura Tiiktookirra taa’ee ture abbaan seeraa yeroo hin murtoofneef kaasan.

Tiiktook guyyaa kaleessaa eegalee namootni Ameerikaa buusanii akka itti hin fayyadamne uggurri taa’ee ture.

Haata’uti, abbaan seeraa damee Waashingitaan Diisii Kaarl Niikoolaas uguricha yeroo hin murtoofneef kaaseera.

Abbaan murtii murtoo kana otuu hin dabarsine ta’ee, fayyadamtoonni haaraan Ameerikaatti argaman appilikeeshinii Tiiktookii plaay istoorii appilii fi gugiil irraa buusanii fayyadamuu hin danda’an ture.

Fayyadamtoonni appilikeeshinicha bilbila sochootuu(moobayila) isaanii qabani ammoo fooyyeessuu hin danda’an.

Abbaan seeraa damee Waashingitaan Diisii Kaarl Niikoolaas murtoo mootummaan Ameerikaa kaleessa dabarsan kan kaasan iyyannoo daqiiqaa 90 erga dhaggeeffatnii booddeedha.

Tiiktook murtoo mana murtii dinqisiifachuun mirga isaa egsisuuf carraaqqii isaa akka itti fufu beeksiseera.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.