Fana: At a Speed of Life!

Ulaagaalee mirga namoomaa idila addunyaa leenjii imaammata barnootaa keessa galchuuf mari’atamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Haala ulaagaalee mirga namoomaa idila addunyaa leenjii imaammata barnootaa keessa galchuun danda’amurratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu Koreen Fannoo Diimaa Idila Addunyaa beeksise.
 
Marii kanarratti bakka buutoonni Yuunvarsiitii Poolisii Ityoophiyaa, Komishinii Poolisii Federaalaa fi itti gaafatamtoonni dhaabbiilee leenjii Poolisii naannoolee hirmaachaa jiru jedhame.
 
Leenjii sirna imaammaata barnootaa caalmaatti fooyyeessuu fi ulaagaalee mirga namoomaa idila addunyaa miseensoota Poolisiif beeksisuuf akka ta’e korichi beeksiseera.
 
wixinee Sanada waliigaltee qophaa’erratti mariin gaggeeffamuus ibsameera.
 
Sanadni waliigaltee kun hariiroo Giddugala Leenjii Imaammataa fi Koree Fannoo Diimaa Idila Addunyaa gidduu jiru ni cimsa jedhamee kan eeggamu ta’uu ragaan Waldaa Fannoo Diimaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’sa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.