Fana: At a Speed of Life!

Ummata yaaddoo nageenyaarraa bararuufi nageenya amansiisa mirkannessuuf hojjetama jira- Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Sadaasa 19, 2015 (FBC)- Ummata yaaddoo nageenyaarraa baraaruu fi nageenya amansiisaa mirkannessuuf kutannoon hojjetama jiraachuu Waajjira Muummee Ministiraatti Qindeessaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Dooktar Alamuu Simee ibsan.

Dooktar Alamuu Simeen jiraatoota Godina Shawaa Bahaa Aanaa Booseet waliin marii dhimmoota nageenyaa irratti taasisaniin, ummaanni hojii misoomaa akka hojjatuuf mootummaaan nageenya eegsisuuf dursaa kennee hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan karaa nageenyaan qamaa socho’uu keessummeessuuf qophii ta’uu eeruun, nageenya boreessuun farra nageenyaa kan ta’e haleellaa shanee ittisuun immoo ajandaa mootummaa isa murteessaa ta’uu himaniiru.

Beekaas ta’ee osoo hin beekiin qaama nageenya borreessuuf galas ta’e oddeeffannoo kennuuirraa akka of qusatan Dooktar Alamuun waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.