Fana: At a Speed of Life!

‘UNHCR’ gabaasa hin taane dhiyeessuu isaaf dhiifama gaafachuu akka qabu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2013 (FBC) – Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Olaanaa Baqattootaa (UNHCR) gabaasa hin taane dhiyeessuu isaaf dhiifama gaafachuu akka qabu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksise.

Raayyaan Ittisa biyyaa Sadarkaa Ardii Afriikaa fi sadarkaa addunyaatti hojii boonsaa hojjechaa jiraachuus beeksiseera.

Raayyaa Ittisa biyyaatti Daarikterri Olaanoon Indoktirineeshinii Meejer Jeneraal Mahaammad Tasammaa akka jedhanitti torbee kana keessa humni nagaa kabachiisaa Motoraayizdii 15ffaa Yeroo humna nagaa kabachiisaa turtii isaa Juubaa xumuree jijjiiruuf jedhutti, ergamtoonni garee Juuntaa 15 ta’an Afaan Tigiree dubbatan fi miseensa Humna Nagaa Kabachiisa kan turan gara biyyatti hin deebinu jechuun,Buufata xiyaara Juubaa Keessa ganganachuufii jeequmsa kaasuuf yaalanii turan jedhan.

Gareen ergamtootaa kun maqaa gaarii Raayyaa Ittisa Biyyaafii Maqaa biyyaa xureessuuf dhaabbata biyyoota gamtoomanii bakkee gara garaa keessatti qacaramanii kanneen hojjetan namoota Afaan Tigiree dubbatni UNHCR maqaa uwwisa miidiyaatiin akka isaan argataniif haala mijeessuun dhimmichi hawaasa addunyaa bira akka gahuuf yaalii taasisan jedha.

Gochaa kana kan raawwatan miseensonni Raayya Ittisa Biyyaa Afaan Tigiree dubbatan Mataa isaanii malee kanneen kaan warra Afaan Tigiree dubbatan bakka hin bu’anis jedhan.

Gochaan isaan raawwatanis saalfachiisaa akka ta’e himanii jiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo Itti haamilee cimaan Harcaatota Juuntaa qulqulleessee seeratti dhiyeessuuf adamsaa jirutti namoota dhuunfaan gochi akkasii raawwatamuun Raayya Ittisa Biyyaa kan bakka hin buuneefii kan namoota dhuunfaa akka ta’e jala muramee beekamuu qaba jedhan.

Kanaaf dhaabileen miidiyaa hawaasa irratti kanfaltiin hojjetaniifii kanneen kaan warri dhimma kana afaarsaa jiran gabaasa madaalawaa akka dhiyeessan hubachiisanii jiru.

Raayya Ittisa Biyyaa akka beeksiseetti, Dhaabbanni UNHCR jedhamus gabaasa dogoggoraa hawaasa burjaajessu tamsaasuu isaaf dhiifama gaafachuu akka qabu beeksisanii jiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

 

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

 

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

 

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

 

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.