Fana: At a Speed of Life!

Suphaan masaraa Abbaa Jifaar fulbaana bara 2012 eegalee ji’oota 18 keessatti xumurama jadhame hojiin hojjatame 35% osoo hin caallee dhaabbitti hafe

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) – Suphaan masaraa Abbaa Jifaar fulbaana bara 2012 eegalee ji’oota 18 keessatti xumurama jadhame hojiin hojjatame 35% osoo hin caallee dhaabbitti hafe.
Suphaan walta’iinsa Abbaa Taayitaa Eeguumsaa fi Qo’annoo Haambaalee Ityoophiyaas, Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa fi Embaasii Ameerikaatiin eggalamee kun ji’oota 18 keessatti ni xumurama jadhamee turus, hojiin eeggalame dhaabateera jachuun komatan jiraatootnni goodina Jimmaa.
Hojjiin eegalamees rakkoo qulqulinaas akka qabu jiraatootnii dubbataniiru.
Dhimmichi maaf xiyyeefannoo dhabeen Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa gaaffannee, hoogganaan Birichaa obbo Kabbada Deessisaa ‘haanqinoota mudatan furuuf ni hojjeetamaa’ jedhaniiru.
‘Suphaan masarichaa baajata Birrii miiliyoona 7 kan eegalee ta’uus, baasii Birrii miliyoona 3n hojiin hojjatamee 35% irratti addaan cituu isaas Abbaan Taayitaa Eeguumsaa fi Qo’annoo Haambaalee Ityoophiyaa himeera.
Abbaa Taayitichaatti Itti Aanaa Daayrektaraa Gargaaraa Profeesaraa Ababaaw Ayyaalaw akka jedhanitti Suphaan masarichaa qaamolee sadiin hoganamuu isaatiin qaama abbummaan hordofee itti gaafatama fudhatu akka dhabuu isa taasisee jira.
Ta’uus, Abbaan Taayitaa Eeguumsaa fi Qo’annoo Haambaalee Ityoophiyaa suphaa masaraa Abbaa Jifaar abbummaan hordoofuun baatii Gurraandhalaa bara 2013 keessatti qorannoo gaggeessuu kontiraaktara muxxannoo qabana dorgomsiisuun ijaarsa isaa ni eeggalchiifna jadhaniiru.
Jamiilaa Jamaal’tu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.