Fana: At a Speed of Life!

Uummanni naannichaa qabsoo birmadummaa cinaatti misoomarratti hirmaannaa ho’aa taasisuu qaba- Preezdaant Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Uummanni Oromoo  qabsoo birmadummaa cinaatti misoomarratti hirmaannaa ho’aa taasisuu qaba jedhan Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Jilli obbo Shimallis Abdiisaan durfamu ijaarsa mana barumsaa bu’uuraa Abdii Boruu hirmaannaa uummataa fi abbootii qabeenyaan magaalaa Adaamaatti ijaaramaa jiru  daawwataniiru.

Manneen barnootaa idileen duraa babal’isuun dhaloota gadii eegaluun qaraa adeemuu ta’uu obbo Shimallis daawwanicharratti ibsaniiru.

Haaluma kanaan manneen barnootaa bu’uura Abdii Boruu hirmaannaa uummataa fi abbootii qabeenyan ijaaramuuf karoorfame kuma 3 fi 100 keessaa kumni 2 fi 612 xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’uu ibsaniiru.

Baatiiwwan jahan darbanitti deeggarsa ijaarsa  manneen barnootaa idileen duraa, ijaarsa kutaalee dabalataa, bishaan dhugaatii fi hojiilee misoomaa biroof abbootiin qabeenyaa fi hawaasni naannichaa Birrii biiliyoona 36 olitti shallagamu taasisuu eeraniiru.

Waggaa itti aanutti ijaarsi manneen barnootaa idileen duraa kuma 4 kan eegalamu ta’uu fi waggoottan sadan dhufanitti lakkoofsa manneen barnoota kanneenii gara kuma 12tti guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Uummanni naannichaa deeggarsa birmadummaa Ityoophiyaa baraaruuf taasisu cinatti misoomarratti hirmaannaa ho’aa taasisuu isaatiif galateeffatamuu qaba jedhan.

Ammas imalli misooma hawaasummaa fi diinagdee jalqabarra waan jiruuf hundi keenya dandeettii, humnaa fi maallaqa qabnuun hirmaannaa keenya cimsuun badhaadhina naannoo fi biyya keenyaa mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.