Fana: At a Speed of Life!

Uummanni Sudaan giddu seentummaa Gamtaa Awurooppaa hin barbaannu jedhan

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Sudaanitti rakkoo siyaasaa yeroodhaa gara yerootti hammaachaa dhufe ilaalchisee furmaata nan kenna jechuun yaadni dhiyeesse mormiin mudate.

Gamtichi walitti bu’iinsa hambisuuf gara biyyattiitti seenuuf yaada dhiyeesse hordofee uummanni Sudaan hedduun magaalaa Kaartuumitti daandiitti ba’uun mormii dhageessisaniiru.

Biyyattiitti fincilli uummataa  irra deebiin kan ka’e aangoo gadilakkisuu Ministira Muummee biyyattii duraanii Abdallaa Hambdook hordofee ta’uu ibsameera.

Sababni murtoo Gamtaa Awurrooppaa mormaniif gamtichi dursee uummata kan hin mariisisnee fi yaadonni furmaataa qaama waraanaa yeroo ammaa aangoo qabatee jiru waliin mari’achuuf jedhu iftoomina kan hin qabne ta’uusaatiin ta’uu hirmaattonni fincilichaa ibsaniiru.

Gamtichi bulchiinsa waraanaa waliin akka mari’atu osoo hin taane ofiisaaniin bulchiinsa uummataa hundeessuu akka barbaadan eeraniiru.

Murtoo fi waliigaltee keenya malee marii gamtichi gaggeessu kamiinuu hin fudhannu jechuun mormiisaanii dhageessisaniiru.

Ejjennoon gamtichaa Ameerikaa, Ingiliz, Eemireetota Araba Gamtoomanii, Sawud Arabiyaa fi Gibtsirraa deeggarsa kan qabu ta’uu gabaafameera.

Maddi:- Afrikaa Niwus

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.