Fana: At a Speed of Life!

Uwwisni balallii naannoo Qilleensa Ityoophiyaa 97 ga’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2013 (FBC) – Uwwisni balallii naannoo Qilleensa Ityoophiyaa 97 ga’uu Abbaan Taayitaa Siiviil Ayiveeshinii Ityoophiyaa beeksiise.
Ityoophiyaan teeknoooloojiiwwan ammayyaa garaagaraa fayyadamuun nageenya Geejjiba Qilleensaa eegsiisuuf hojiin hojjetame guddina damichaaf gumaacha olaanaa taasiisuu Daayreektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Kolooneel Wasanyelahi Hunanyaan dubbataniiru.
Abbaan Taayitichaa naannoo qilleensa Ityoophiyaa to’achuurra darbee kan biyyoota ollaas dabalataan to’achaa jiraachuu Daayreekteerichi ibsaniiru.
Dhaabbatichi leenjii damee Ayiveeshinii biyya keessarra darbee lammiilee biyya alaa ga’umsaan leenjisuun sharafa alaa argamsiisaa jiraachuus beeksiisaniiru.
Maddi:-DhPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.