Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasichi akka hin babal’anne of eeggannaan cimuu qaba – aadde Adaanach

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) – Vaayrasichi akka hin babal’anne of eeggannaan cimuu qaba jedhan aadde Adaanach Abeebeen.

Miseensi koree biyyoolessaa deeggarsa ittisa vaayrasii koroonaa walitti qabuu fi Haati Alangee Waliigalaa aadde Adaanach Abeebeen weerara vaayrasii koroonaa maallaqaa fi humna keenyan ittisuu qabna jedhan.
 
Aadde Adaanach deeggarsa ittisa vaayrasii koroonaaf oolu kan Waldaan Dhuunfaa Sayid Yaasiin taasise galii taasisaniiru.
 
Waldichi deeggarsa Birrii miiliyoona 10 laatera.
 
Aadde Adaanach manneen amala sirreessaatti sirreeffamaan tokkoyyuu vaayrasichaan kan hin qabamne ta’uu ibsaniiru.
 
Finfinnee naannoo Lidataatti tursa yeroo shakkamaa keessaa (buufata poolisiitti) namni vaayrasichaan qabame argamuu ibsan.
 
Vaayrasichi akka hin babal’anne of eeggannaan akka cimuu fi of dagannaan akka hafu dhaamaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.